'Ajjaabiin' pirezidantii Keeniyaa lammii Biriitish konkolaataa itti buusee ajjeese

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Konkolaatawwan pirezidantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo 'ajjabaa' turan keessaa tokko nama lammii Biriitish tokko rukkutee ajjeesuun miliqe.

Namni maqaan isaa Edgaar Chaarles Firediriik jedhamuufi umuriin isaa wagga 79 ta'e kun Kamisa balaan konkolaataa kun daandii guddaa magaalaa guddoo Keeniyaa irratti rukkutamee lubbuun isaa darbeera.

Poolisiin shufeera kana hidhee kan ture yoo ta'u, boodarra wabiin gadhiifameera.

Poolisiin akka himetti, namni kun konkolaataa akka qama konkolaataawwan Pirezidant Ruutoo ajjabaa turaniittti deeggarsa kennaa ture.

Dubbi-himaan poolisii Mikaa'el Muchiirii BBCtti akka dubbatetti, Fireediriik gara Keeniya kan dhufe obboleettii isaafi ilma obboleessaa isaa Keeniyaa keessa jiraatan dubbisuuf ture.

Firri dhiyoo nama balaa kanaan du'ee gaddi kun kan itti himame yoo ta'u, qorannoo reeffaa har'a Jimaata ni gaggeeffama.

Shofeerri erga balaan qaqqabee osoo hin dhaabbatiin hafe kun qorannoo hordofee mana murtiitti dhiyaachuuf akka jiru poolisiin himeera.

Dubbi himaan Komishinii Olaanaa UK aanga'oonni gabaasa kana quba qabaachuusaaniifi odeeffannoo dabalataa gaafachaa jiraachuu himeera.

Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaarratti maxxanfaman namni jiinsii cuquliisaafi shamizii daalacha uffate tokko daandii naannoo gabayaan itti baayyatu cinaa ciisee osoo dhiigaa jiruu agarsiisaa turan.

Suuraawwan biroo ammoo namni balaa kanaan lubbuun darbe fooxaa akka biyya kanaatti Maasai Shuka jedhamuun maramee agarsiisan.

Mr Muchiriin BBCtti akka himetti, konkolaatichi kan bulchiinsa naannoo yoo ta'u, dhimma pirezidaantummaa ilaallatuuf deeggarsa kennaa ture.

Pirezidant Ruutoon bakka waanti kun mudatetti sagantaa marii kan qophesse yoo ta'u, kunis qaama marii siyaasaa ummata magaalaa guddoo waliin taasisuu ture.

Keeniyaa keessatti balaan konkolaataa pirezidantii ajjabuun walqabatee mudachuun kun kan jalqaba amiti.

Bara 2017 Kaawuntii Kiisii keessatti konkolaataan poolisii pirezidantii duraanii Uhuruu Keeniyaataa ajjabaa ture tokko konkolaataa ummataa namoota 14 qabatu akka biyyattii 'Mataatuu' jedhamu gidduutti mudate namoonni ja'a akka madaa'aniif sababa ta'ee ture.

Yeroo sana Pirezidant Uhuruu Keeniyaataafi yeroo sanatti itti-aanaasaa kan ture Wiliyaam Ruutoo hiriira deeggarsa siyaasaaf kara Kaawuntii sanaatti imalaa turan.

Namoonni madaa'an gara hospitaalaa geeffamanii hanga wallaansa argatanitti Pirezidant Uhuruu fi Ruutoon achi turanii namoota madaa'an kanneen hordofaa akka turan 'The Standar' gabaaseera.