Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazexeessaan EBS Asfaaw Mashashaa du'aan boqote
Waggoota dheeraaf hoji gaazexeesummaan hojjechaa kan ture Asfaaw Mashashaa du'aan adunyaa kanarraa boqate.
Asfaaw dhukkuba isa mudateen Ameerikaatti yaaliirra erga turee boqochuun dhagahame.
Miidiyaan irra hojjechaa ture EBS fuula Feesbuukii isaa irratti ''obboleessi keenyaa fi waayilli keenya Asfaaw Mashashaa du'aan adunyaa kanarraa boqateera'' jedhe.
Itti dabaluunis dhukkuba isa mudateef yaaliirra turuus eereera.
Asfaaw sagantaa isaa ''Jireenya Ameerikaatti'' [Nuuroon Be Ameerikaa] jedhuu fi ''Dilbata EBS waliin'' [Ihudiin Ke EBS Gar] jedhuun hordoftoota hedduu horateera.
Raadiyoo fi Televizhinii irratti waggoota dheeraaf hojjechaa kan ture Asfaaw Mashashaa dhiyeenya dhukkubsachuun yaalamaa turuu gabaafamee ture.
Miiidyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti Asfaaw yaaliif biyya Ameerikaa erga deemee achumatti boqate.
Asfaaw waggoota dheeraaf Ameerikaa jiraachaa erga turee gara biyyaatti deebi'uun sagantaa Televizhinii bashannanaa hojjechaa ture.