Dubartiin dhibee kaansariin barnoota adda kuttee turte waggaa 30 booda qormaata fudhattee darbite

Maxxanfame

Yeroo ammaa dubartii umrii waggaa 47 kan taate Liiz Biraawun, umriishee ijoollummaatti sababa dhibee kaansarii barnootashee erga adda kuttee waggaa 30 booda qormaata seensa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa (GCSE) qoramuun darbiteetti.

Liiz Biraawun dhibeen kaansarii gadhiisuu baatullee isheen garuu itti cichitee mana barumsaa ijoollummaasheetti keessatti barataa turte keessatti qorumsa herregaa fi Afaan Ingilizii qoramuun qabxii mishaa argatte.

Dubartiin kun shamarree waggaa 14 taatee osoo barachaa jirtuu battala tokko lafumaa ka'uu dadhabde, wayita qoratamtu kaansarii buusaa lafeetiin qabamuutu barame.

Aadde Liiz Biraawun wayita weerarri koronaavaayirasii addunyaatti hammaate keessas dhibee kaansarii kan duraaniirraa adda ta'een qabamteetti.

Erga qorumsa dabartee booda ''waan kaansariin narraa fudhate deebifadhe,'' jechuun gammachuu ibsatte.

Aadde Biraawun osoo weerarri Covid hin eegalin dura mana barumsaatti deebi'uuf turte, kaansariin sombaa garuu ammas gufuu itti ta'e.

Yeroo sana isheef dirqama kan ture somba ishee isa mirgaa irraa muruun tajaajila keemooteeraappii argachuudha.

Ta'us isheen abdiin hin murre, haala kana hundaa dandeessee mana barumsaashee ganamaatti deebitee galmaa'uun qormaata qoramte.

Aadde Biraawun akka jettutti, ''dhugaatti akka yeroo ijoollummaatti sammuun waa yaadatee qorumsaaf taa'uun ni ulfaata. Wantin mana barumsaa kanatti baradhe hunduu sammuu kiyya keessa jira. Garuu umurii ga'eessummaa kanatti akka yeroo ijoollummaatti waa yaadachuun ni ulfaata,'' jette.

Qormaata seensa barnoota sadarkaa lammaffaa fudhee darbuun anaaf waan guddadha kan jettu Aadde Biraawun, ''kun addunyaa haaraa naaf bane. Keessattuu dhibee kaansarii isa booddana na qabe booda. Deemsa kiyya fuulduraa na takaalee ture,'' jettuun amma waan yaadde argachuu dubbatte.

Aadde Biraawun yeroo ammaa qorumsa herregaa fi Afaan Ingilizii qabxii gaarii fiduun darbiteetti.

Jalqaba wayita dhibeen kaansarii irratti argame garuu lafa kanarra jiraachuuf waggaa shan qofa akka qabdu itti himamee ture.

Haala keessa dabarte wayita ibsitu akkas jetti: ''Gadadoo, rifaatuu fi yaaddoo haga kanaa dandamadheen gara mana barumsaatti deebi'e. Ni danda'aman jedhame.''

Yeroo mana barumsaatti deebitus sammuushee guutuutti hin deebine, qaamnishees guutummaatti hin bayyananne.

''Yeroon mana barumsaatti deebi'u garuu waan sirrii fi dogoggoraa adda baasee barreessuu danda'eera,'' jette.

Dubartiin kun wayita qormaatashee fudhattee xumurtu boo'ichaaf qabuu dadhaban.

Waan kaansariin irraa fudhate deebifachuu himte.

''An waan kaansariin narraa saame deebifadheera. Waanti dhibeen kun nurraa fudhate waan hedduutu jira, deebifachuuf jirra,'' jechuun xiiqiidhaan dubbatti.