Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nama siyaasaa Raashiyaa waraana Yuukireen morme hidhaan wagga 7 murtaa’e
Miseensi Mana Maree Raashiyaa waraanaa Raashiyan Yukireen irratti labsite mormuun dubbate hidhaa wagga torbaan adabame – kun seera haara mormii irratti xiyyafate jalatti murtee hidhaa dheeraa isa jalqabaadha.
Aleeksii Gorinoov, umurii ganna 60, Ebla keessa walga’ii mana maree irratti yemmuu weerara Raashiyaa qeequ viidiyoon mul’atee ture.
Seera weerara booda ba’e jalatti, namni wa’ee humna waraanaa ‘oduu sobaa’ raabse kamuu hanga hidhaa wagga 15’n adabamuu danda’a.
Lammileen Raashiyaa weerara kana ibsuuf jecha ‘waraana’ jedhu fayyadamuurra dhorkamaniiru.
Kanarra Pireezdaant Vilaadmir Puutin gaalee “Duula waraanaa addaa” (special military operation) jedhu uumeera. Ta’us, Kamisa haasaa hoggantoota paarlaamaaf taasise irratti “waraana Donbaas keessaa” jechuun dubbatee ture.
Rooggeessi mirga namooma Paveel Chikoov akka jedhutti murteen hidhaa Gorinoov, seeraa haaraa jalatti murtee hidhaa isa jalqabadha.
Hanga ammaatti murtee addabbii mallaqaa fi dhorkiitu kennamee beeka.
Abbaan Murtiii Oleesiyaa Medeleyevaa murtee kenneen, Gorinoov yakka kana kan raawwate “jibba siyaasaa irratti hundaa’uun” yoo ta’u, lammilee Raashiyaa dogoggorsuun wa’ee duula waraanaa irratti akka isaan “yaaddoo fi sodaa” qabaatan taasiseera jedheera.
Mana murti kaaba Moskootti argamutti yemmuu dhiyaate, Gorinoov waraqaa barreefamma “ammayyuu waraana kana ni feetu?” jedhu ol qabee ture. Yeroo qondaalli nageenya tokko ergaan isaa akka hin mul’anneef harkaasa fulduratti ol qabee ture.
Miseensa paarlaamaa paartii mormiitu kan ta’e Gorinoov, walga’ii Kirasneselsiki irrratti haasa taasiseen booda, Ebla keessa to’annoo jala kano oole.
Walga’ii kana irratti Gorinoov, utuu daa’imman Yukireen keessatti du’aa jiranii dorgommii fakkii daa’immanii qopha’ee mormuun dubbate.
Dabalataanis walga’ichi jalqabuu dura dhibamtoota kunneeniif yeroo yaaddannoo sammuu akka taasifamu gaafatee ture.
Miseensi mana maree biraa yaada isaa deeggaree ture Raashiyaatii baqatee ba’eera.
Abbootiin alangaa, namootni kun lamaan beeka maqaa humna waraanaa Raashiyaa xuressuuf korani jedheera.
Akka rogeessotni fi gaazexessitoonni Jimaata mana murtii keessa turan jedhanitti, Gorinoov Raashiyaan jarraa 20ffaa keessa humnaa ol waraana keessatti hirmaateetti jechuun abbaa murtiitti himeera.
“Ta’us garuu ammas Bukaa, Irpiin, Hostomeel kessa jira,” jechuun, bakkeewwan Raashiyaan yakka waraanaa rawwachuun itti himatamte maqaan kaasuun ibseera.
Ogeettiin siyaasa Raashiyaa Tatiyaana Istanovayaa, namoota “mormii dhageessisaniif” abbootiin taayitaa akeekkachisa akka kennaa jiran ifadha jetti.
Jecha ‘waraana’ jedhu fayyadamuun abbootii taayitaa biratti akka shiraatti ilaalama.
Garuu yeroo sochii siyaasa akka Gorinoov waliin ta’u ammo akka shororkeessummaatti ilaalamee, adabbii hidhaa dheeraa qabaata.