Itoophiyaatti ''Pilaampileetii'' bituu fi gurguruun maaliif adabsiisa?

Dubartii daa'ima Pilaampileetii siraa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Pilaampileetiin nyaata qophaa’aa daa’imman hanqina nyaataa qabaniif kan qophaa’u akka tahe hakiimonni ni himu.

Dr. Hajjii Amaan Kolleejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaatti Gargaaraa Piroofeesaraa fi Hayyuu saayinsii nyaata namaati.

“Daa’imni tokko hanqinni nyaataa yoo mudatu akkaataa fayyaa fi ijaarsa qaama irratti jijjiiramatu uumama. Kanaaf haala kana bayyanachiisuuf akka ta’utti qabiyyeen isaa waan hedduurraa walitti makamee qophaa’a” jedhan.

Itoophiyaatti Pilaampileetii kana dhaabbata UNICEF tu gargaarsaan gara biyyaatti seensisa

Namni hanqinaa nyaataa hin qabne soorachuu danda’aa?

Akka Dr. Hajiin jedhanitti, nyaatni Pilaampileetii jedhamu kun Itoophiyaa keessatti dhibbentaa 30 kan ta’u qaama barbaachisuuf osoo hin oolle qisaasama.

Kana jechuun karaa seeraan alaatiin bitamee gurguramaa yookaan nama nyaachuun hin malleeftu nyaata akka jechuuti.

“Pilaampileetiin nyaata haa jedhmu malee qoricha. Nama miidhameef ogeessi yaalaa ajajeefii kan tajaajilaaf oolu. Itoophiyaatti dhibbeentaa 30, biyyoota, Afrikaa hedduutti ammoo hanga dhibbeentaa 30 ni qisaasama,” jedhan.

Nyaatni bifa qorichaatiin ajaja ogeessaan fudhatamuu qabu kuni namni hanqina nyaataa hin qabnee fi osoo hin ajajamin fudhatu irratti rakkoo fayyaa hordofsiisuu akka malus himu Dr. Hajjiin.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Namni Fayyaa qabu yoo fudhate qaamni isaa hanga hin barbaachisnee olitti dabaluu danda'a. Pilaampileetin cooma, pirootiinii, inarjii, vaayitaminootaa fi albuudota adda addaa ofkeessaa qaba. Kana namni fayyaa qabu yoo fudhatu ni cooma, gabbachaa deemee rakkoo fayyaa uuma”

“Gama biraatiin Pilaampileetiin kuni namni fayyaan yeroo fayyadamu vaayitaminootni fi albuudotni kuni kan qaama namaa keessatti kuufamanii taa’an jiraachuu malu. Kunimmoo akka qorichaati jechuudha. ‘Pharmacological Toxity’ uumee fayyaa keenya miidha” jedhan.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti qindeessaa Nyaataa fi sirna nyaataa kan tahan Obboo Abarraa Dagafaa gamasaaniin Pilaampileetiin Abboommii ogeessa fayyaatiin qofa kan kennamudha jedhu.

“Calallin adeemsifamee, ogeessaan daa'imman irree harka bitaa isaaniirraa safartuudhaan ilaalamee hanqina nyaataa qabaachuun erga mirkanaa’ee booda Pilaampileetin kennamaafi,” jedhan.

Calalliin kuni ji’a ji’aan akka gaggeeffamuus himu.

Pilaampileetii akka nyaata idilee daa’immaniitti ilaaluun, abboommii ogeessaa malee daa’imman nyaachisuun danqaa itti fayyadama nyaata kanaa ta’uus eeran.

“Inni duraa akka soorataatti ilaaluutu jira, inni biraa maatii tokko keessatti daa’ima tokkoof yoo ajajame daa’ima fayyaa qabuuf irraa qoodanii nyaachisuutu jira. Kuni daa’imni miidhame suni akka dafee hin dandamanne godha. Daaa’ima fayyaa sanarrattis rakkoo fida” jedhan.

Toftaan hanna Pilaaamipleetii irratti raawwatamuu heddummachuu kan himan Obbo Abarraan gochi akkasii hojii lubbuu baraarsaa taasifamu kan gufachiisu akka ta’e dubbatu.

“Geejjibarratti hatuun, akka gargaarsa wayiitti ilaaluun fudhatanii gurguruun, ogeessotni tokko tokkos gadi baasanii kaayyoo yaadameef alatti oolchuun nimul’ata,” jedhan

Seera nama adabsiisu…

Pilaampileetiin nyaata namoota hanqina nyaataa qabaniif dhihaatu waan ta’eef deeggarsa dhaabbilee gargaarsaatiin dhihaatee namoota isaan barbaachisuuf karaa dhaabbilee fayyaatiin tolaan kennama.

Haata’u malee, nyaanni kuni karaa seeraan alaa suuqiiwwanitti gurguramuunii fi walfakkeessanii omishuun, akkasumas namoota isaaniif hin malleen sooratamuun yaaddoo waan uumeef jecha bara 2011 seerri haaraan bahe.

Labsiin lakkoofsa 1112/2011 kan Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Biyyaalessaatiin bahes gocha seeraan alaa kana dhaabsisuuf bahe jedhu Dr. Hajjiin.

“Keewwata 67, keewwata xiqqaa 7 jalatti namni kamuu kan gurgurtaa pilaampileetiirratti bobbaa’e argame hidhaa waggaa 3 hanga wagaa 7 yookaan birri kuma 10 hanga kuma 100 akka adabamu ibsa,” jedhan.

Seerri too’annaa Pilaampileetii kanaaf bahe waggoota lakkoofsisulleen ammaayyuu hojiirra oolmaa fi hordoffiin laafaa waan ta’eef gochoonni seeran alaa nyaata anniisaa kennu kanarratti raawwatamu sadarkaa barbaadamuun hin dhaabbanne jedhan.

“Hamma ta’e fooyya’iinsi jira garuu hin dhaabbanne. Akkuma mi’a shaqaxa kamiittuu namoonni yeroo gurguran ni mul’ata. Bakka to’annoon jabaatutti ammoo dhoksaan gurguru. Namoonni ispoortii dalagnee qaama gabbifanna jedhanii seeraan ala fayyadamanis jiru,” jedhan.

Obbo Abarraan ammoo namni gurgurtaa pilaampileetiirratti hirmaatu seera cabsuu qofa osoo hin taane, waan lubbuu daa’imaa baraaruuf oolu kara hin taanetti dabarsuudha jedhu.

“Pilaampileetiin lubbuu baraarsaaf dhufe. Kana gurguruu jechuun wal’aansa daa’ima tokkoo adda kutanii lubbuun daa’imaa akka bahu gochuu jechuudha. Ogeessonni keenyallee kana beekuu qabu. Qaamni nageenyaas tumsa barbaachisu gochuu qabu. Kuni dhimma lubbuuti. Waan gatiidhaan shallagamu miti,” jedhan.

“Daldalaan faayidaa xiqqoo ofii ilaalee lubbuu daa’immanii gaaga’uu hin qabu. namuu hubannaa argatee daa’imarraa pilaampileetii gurguruun safuudha jedhamee safeeffatamuu qaba. Hanqina hubannaatin kan balleessus hubachiisuun barbaachisa “ jedhan Obbo Abarraan.

Labsii to’annaa fi bulchiinsa Pilaampileetii ilaalchisee bahe kana cabsuun kanneen argaman ogeessonni fayyaa fi daldaltoonni tarkaanfiin irratti fudhatame jiraachuus eeran.