Jaarrolee qaala'iinsa jireenyaa, dhukkubaafi dulluma gidduutti dararamaa jiran

Madda suuraa, BEKA ATOMA/BBC
Maanguddoon umrii waggaa 83 Aadde Masarat Addis magaalaa Finfinnee, mana xiqqoo keessa ijoollee ijoolleesaanii sadi waliin jiraatu.
Maanguddoon akkaan dhibamanii jireenyisaanii sireerra erga ta'ee bubbuleera.
Wayita maanguddummaasaanii kanatti osoo rakkoo fi gidiraa malee jiraatanii baayyee hawwu.
Garuu dhibeen isaanii hiyyummaa waliin wal-tumsuun guddoo isaan miite.
Intallisaanii ijoollee sadi itti gattee dhibee kaansariin jalaa duute.
Ijoolleen sadan illee ciree fi laaqana mana barumsaatii nyaatu, akkoonsaanii garuu garaa hidhatanii beelaa fi dhukkubaan sireerratti hiraarfamu.
Yeroo tokko tokko hambaa ijoollee sadan irraa hafe sooratu, innuu gaafa argame.
''Akaayii qofa nyaannee bishaan itti dhugnee rafna. Sunuu hin argamu yoo ta'e waan nyaannu hin qabnu. Osoo hin nyaatin gaafa rafnutu jira. Homaa gochuu hin dandeenyu.''
Seenaa maanguddoo Masarat kanaan walfakkaatu kan qaban namoonni umriin jaaran hedduudha.
Maanguddoota dagataman
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBCn dhiibbaa qaala'iinsi jireenyaa hawaasa irraan ga'e ilaalchisuun dhiirotaa fi dubartoota umriin jaaran biyyoota adda addaa irraa dubbiseera.
Maanguddoonni kunneen akkaataa biyya keessa jiraniin rakkoo gosa adda addaaf saaxilamaa akka jiran ibsan.
Kaan miidhaa hamaaf, gariin harka namaa eeggataa akka jiraatan, isaan kaan ammoo fedhiin bu'uuraa isaanii osoo hin guutamaniif hafanii dhiphina hamaa keessa jiraachuu yaada kennan.
''Odeeffannoon waa'ee jaarroleen walqabatu guutummaatti dagatameera,'' jedhu UNtti ogeessi mirga jaarrolee Kilaawudiyaa Maahilar.
''Xiyyeeffannaa argataa waan hin jirreef, adeemsa kenniinsa gargaarsa namoomaa keessaa dagatamanii, baafamanii jiru,'' jedhan.
Jaarmiyaan dhimma jaarrolee irratti xiyyeeffatee hojjetu HelpAge jedhamu, qorannoo biyyoota 10 irratti gaggeesseen, namoonni umriin jaaran sababa rakkootiin, kadhaa duraan ittiin jiraataa turan, akkasumas hospitaalatti yaalii fayyaa hordofaa turan dhiisuuf akka dirqaman ibseera.

Madda suuraa, Beka Atoma/BBC
Maanguddoo Masarat Addis, yoo gargaarsi isaaniif hin taasifamin ciisanii du'a qofa akka eeggatan himan.
Maanguddoon biyya Libaanos umrii waggaa 67 Aliis Choobaaniyaanis seenaa walfakkaataa qabu.
''Yeroo hedduu of ajjeesuuf yaaleera, ennaawwan kunneen yaadachuu hin fedhu,'' jedhan.
Ogeeyyiin akka jedhanitti rakkoon qaala'iinsa jireenyaa addunyaa raasaa jiru kun namoota umriin jaaran rakkoo dhibee sammuu fi kaaniif saaxilaa jira.
Rakkoo isaan irratti argamu hunda sababa umriiti jechuun bira darbamuu fi sababa kanaan rakkoo hamaa keessa jiraachuu ibsan Kilaawudiyaan.
Aadde Choobiniyaan mana xiqqoo Beeyiruut keessatti argamtu keessa ijoolleesaanii abbootii manaasaanii hiikan lamaa fi ijoollota isaanii saddeet, walumaagalatti namoota 10 waliin jiraatu.
UNtti Sagantaan Nyaataa Addunyaa akka ibsetti bara 2019 namoonni miiliyoona 135 hanqina midhaan nyaataaf saaxilamanii turan.
Lakkoofsi kun bara 2022 miiliyoona 345 ga'eera.
Libaanoos keessatti gatiin midhaan nyaataa harka 372.8n dabaleera.
''Ijoolleen koo foon kajeelanis, argatanii nyaachuu waan hin dandeenyeef, naannawa manneen foonii deddeebi'u,'' jedhan maanguddoo Choobiniyaan.
Walqixxummaan koorniyaa bakka hedduutti dhibuun dubartoonni galii mataasaanii hin argatan kan jedhan qondaalli HelpAge Boob Baabaajaaniyaan, kun ammoo miidhaansaa dubartoota irratti akka cimu taasisuu eeran.
Haata'u malee dhiirota umriin jaaranis rakkoon hamaa ta'e sababa qaala'iinsa jireenyaa isaan mudataa jira.
Paakistaan magaalaa Islaamaabaad keessatti dhaabbata konkolaataa miiccu kan qaban Zaayuddiin Kiiljii, haati warraasaanii waggoota torbaaf kaleen dhibamee walitti aansuun erga miiccamaafii turee booda ji'a darbe jalaa duute.

Madda suuraa, KIRAN FATIMA/BBC
Maanguddoon umrii waggaa 68 Zaayuddiin Kiiljii maallaqa sooramaa waan hin qabneef hojii konkolaataa miiccuu itti fufuuf dirqaman.
Garuu waggaa darberraa eegalee maamillan isaanii hedduun dhufuu dhaaban.
Paakistaan keessatti qaala'iinsi jireenyaa waggaa darbe mudate, kan waggaa 50 darban keessatti mudatee hin beeknedha.
Zaayuddiin Kiiljii bakkuma hojiisaanii, iddoo qorraa ta'e keessa jiraatu. Amma gatiin kiraa dachaa oliin itti dabaleera.
Maallaqa wal'aansa haadha warraasaaniif jecha liqeeffatan deebisuu dadhabuun dararamaa jiru.
''Dhibeen shukkaaraa, onnee, kaleen qaba. Dawaan fudhu amma akkaan dabaleera. Yeroon dawaa dhabus jira,'' jedhan.
Qorannoon HelpAge akka mul'isutti qaala'iinsa jireenyaa addunyaa mudateen carraan dawaa fi tajaajila fayyaa kaan argachuu jaarroleerraa fagaateera.

Qaala'iinsi jireenyaa addunyaa raase, Itoophiyaa, Libaanoos fi Paakistaan dabalatee biyyoota guddataa jiran qofa miti kan miidhe, biyya badhaatuu taate UK keessattis jaarrolee akkaan miidheera.
Narsiin duraanii umrii waggaa 74 Taabaanii Siitoolee amma soorama ba'anii jiran kibba Landan keessa jiraatu.
'Baankii nyaataa' tumsa hawaasarraa argamuun deeggaramu irraa waan argataniin jiraatu.
''Jireenya kiyya keessatti 'Baankii nyaataa' keessaa nyaata nan fudha jedhee yaadee hin beeku. Namoonni maaliif nyaata 'Baankii nyaataa' fayyadamu jedheen gaafataa ture,'' jedhu maanguddoon kun.
Namoonni wayita umriin jaaran maatiirratti hirkatanii umriisaanii hafte jiraachuun kan baratame ta'us, haala amma jiruun kun furmaata waaraa hin ta'u.
Landanitti kan argamu kolleejjiin King qorannoo gaggeesseen waggoota kurna dhufan keessatti namoonni umriinsaani waggaa 65 fi isaa ol ta'e dachaa lama yookiin sadiin dabaluu akka danda'u ibse.












