Niw Zilaanditti dorgommiin adurree adamsanii ajjeesuu ijoolleef qophaa’e haqame

Adurree

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Dorgommii ijoolleen akka adurree adamsan taasisu Niw Zilaanditti qophaa’ee ture dheekkamsa kaasuu hordofee haqameera.

Qopheessotoonni dorgommii adamoo wagga waggaan qophaa’uu kun erga dorgommii haaraa ijoolleen umurii ganna 14 gadii akka adurree ala galan (hin madaqne) adamsan taasisu beeksisanii booda qeeqamaniiru.

Bineensonni kun akka bineensota miidhaa geessisaniifi eegumsa uumama biyyatti balleessaniitti ilaalamu.

Ijoolleen kun addurree madaqfaman akka hin ajjeesne itti himameera, garuu badhaasa argachuuf addurree ala galan hanga danda’an hunda akka ajjeesaniif gaafatamaniiru.

Ijoollee kanneen keessaa kan ji’a Ebla fi Waxabajjii gidduutti addurree hedduu ajjeese doolara 155 badhaafama.

Dorgommiin kun akkuma beeksifameen hatattamaan gartuulee kunuunsa bineensotaan qeeqameera.

Gaafa Kibxataa, Dhaabbati Hawaasa Ittisa Hammeenya Bineensotarra Ga’uu Niiw Zilaand, “dorgommii ijoolleen akka adurree ala galan ajjeesaniif gaafatu,” haqamuu isaan gammanneerra jedheera.

Bakka bu’aan tokko ijoolleenis, ga’eessonnis, adda addummaa “adurree ala galtu, kan mana hin qabne ykn adurree manaa sodaattee jirtu” gidduu jiru baruu hin danda’anii jechuu AFP gabaaseera.

Kana jechuun adurreen manaa yaada malee ajjeefamuu danda’u yaaddoo jedhu uumeera.

“Ijoolleen keenya bineensotaatti gaarummaa akka agarsiisan barsiisuu qabna malee meeshaa isaan itti bineensota kana ajjeessan itti kennuu qabna miti,”jechuun dubbii himaan dhaabbata tola-ooltummaa kunuunsa bineensota Safe miidiyaa biyyattii 1News jedhamutti himeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dorgommiin kun kan ifa taasifame akka qaama sagantaa adamoon ji’a Waxabajjii, mana barnootaa Kantenbarii Kaabaa keessa jiru tokkoof maallaqa walitti qabuuf qophaa’eettidha. Naannoon Niw Zilaand kun harka caalaan baadiyyaa ta’eefi bakka itti adamoon beekamuudha.

Dorgommiin wagga waggaan qophaa’u kun dorgommii – ijoollee dabalatee – namootni dhibbaan lakkaa’aman boyyee, bosonuufi wakkallee adamsuu irratti ittiin dorgomanidha.

Qopheessitoonni Dorgommii Adamoo Kantenbarii Kaabaa gaafa Kibxataa qophiin adamoo adurree kun haqamuu isaa ibsuun “iimeelii arrabsuu fi sirrii hin taane” isaanitti akka ergame ibsaniiru.

“Namoota dorgommii ergamni isaa sinbirrootaa fi bineensota bu’a qabeessa biroo kunuunsuu ture irratti hirmaachuuf qophaa’anii turan dhiifama gaafachaa, gadda keenya ibsuu barbaanna,” jechuun gartuun kun fuula Facebook isaani irratti barreessaniiru.

Dabaluunis namni adamoo kana irratti hirmaatu hundi seera shugguxii (meeshaa waraanaa) fi eegumsa bineensotaa eeguun akka irra eegamu ture ibsaniiru.

Ergaa barreeffamaa kana irratti fayyadamtoonni Facebook 100 ol ta’an deebii kan kennan yoo ta’u, hedduun isaanii dorgommii kana deeggaraniiru. Adamoon kun akka “ajjechaa to’annoof taasifamuutti” ilaalamuu danda’a ture jedhaniiru.

Dubartiin tokko, “utuu miidhaa adurreen adalaa (ala galan) geessisan namootni beekanii gaarii ture. Qonnaa keenya irrattis miidhaa uumu. Adurreen adalaa dhukkubas ni baatu… hanga aggaruunitti ajjeesuun itti fufna,” jechuun barreessiteetti.

Niw Ziiland keessa addurree manaa miliyoona 1.2 ta’anitu jira jedhamee yaadama, kun dacha lakkoofsa adurree adalaa jiraniidha.

Dhaabbati kunuunsa uumamaa guddichi Niw Zilaand, Hawaasa Eegumsa Sinbirroo fi Bosonaa Royal, adurreen adalaa wagga waggaan du’a sinbirroota biyyatti miiliyoona 1.1’f itti gaafatamoo akka ta’an tilmaama.

Ogeettiin eegumsa uumamaa, Dr Heelan Bilaakii, adurreen adalaa gosootni sinbirroo ja’a baduu isaaniif sababa akka ta’anii fi lakkoofsi sinbirroo halkanii, fattee fi lootuu hir’isuufis itti gaafatamoo ta’uu Radio New Zealand’tti himanteetti.

Akkasumas dhibee akka toxoplasmosis jedhamu, kan industirii hoolaa Niw Ziiland irratti dhiibba guddaa uumu baachuunis beekamu.