Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaaliin Keeniyaan Heera motummaa jijjiruuf taasifte dhorkame
Iyyata pirezidaanitiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan Heera Motummaa biyyattii jijjiruuf galfatanii turan abbootiin seeraa biyyattii dhorke.
Abbootiin seeraa Mana Murtee Ijjibaataa Keeniyaa, murtee kanan dura mana murtii gadaanaatiin akka motummaan heera biyyattii irratti jijjiraama guddaa taasisuuf karoorfate dhorkuun pirojaktichaan ''heeraa fi seeraa maleessaa'' ittiin jedhe amma innis murteedhuma walfakaatu deeggare.
Pirojaktiin maqaa Kaka'umsa Ijaarsa Riqichawwanii (BBI) jedhamu kennuun kan pirezidaantii biyyattii Uhuruu Keeniyaataa fi michuu siyaasaa isaa Raayilaa Odingaan durfame kunis, jijjirama kanaafi kan biraalleen taasisuuf kan karoorfate ture.
Jijijramoota pirojaktiin kanaan yaadaman keessaa tokko aangoo ministira mummee biyyattii keessatti eegalu ni hammata.
Kaawuntiiwwan Keeniyaa 47f bajata olaanaa ramaduun akka sagantaalee misoomaa gaggeessan gochu, miseensoonni kaabinee akka caalaa bakka bu'oota biyyaa ta'an gochuu fi namoota malaammaltummaa saaxilaniif qabeenyaa deebiifame kamu keessaa %5 akka argatan gochuu fa'i of keessatti kan ahammate ture.
Haata'u malee murteen Jimaata kaleessaa Mana Murtee Ijjibaata biyyattiin dabarfame kunis Ittaanaa pirezidaantii Wiiliyaam Ruutoon kan pirojaktiicha cimsee mormaa turees akka injifannootti ilaalameera.
Murteen kunis filannoon pirezidaantii ittaanuu gaggeeffamuuf waggaan tokko wayita hafuutti kan dabarbeedha.
Filannoo pirezidaantummaa biyyattii badha dhufu gaggeeffamu keessattis Mr Odiingaa fi Ruutoon dorgomtoota cimoo ta'u jedhamee eegamaa jira.
Ibsa osoo abbootiin seeraa murteesaanii dubbisanii hin xumuriin duran Mr Odingaan erganiin turaniin, ''yeroo gara fuula duraatti itti adeemamu amma'' jedhanii ture.
Itti dabaluunis ''Murteen har'aa kun kan dhumaa marii gaggeeffamu miti. Kanafuu tokkoon tokkoo qaamoolee keessatti hirmaatanis murtee har'a kennamu irratti attamiin akka itti fufan irratti murtee mataasaanii gochuu qabaatu'' jedhanii ture Mr Odiingaan.